Seenaa hayyoottanii dhoksuuf yaalii godhuun eenyummaa ofiis akka dhoksuuti.kun walaala malee beekumsaa miti namni waan ofii hojjatee ummata isaatiif kenneetti galateeffamu qaba malee dagatamu hin qabu! warroonni yaada dhuunfaa keessanii qabattanii hawaasa bal,aa ittiin mormuuf jecha seenaa dhugaa dhoksitaanii seenaa biraa kan hawaasni hin beekneen ummata burjaajjessuu barbaaddan nama seenaa hojjatee sana dhoksuuf miti ofii keessaniif seenaa fokkisaa fi jibbamaa hajjachutti akka jirtan yaadadha warroonni seenaa kana osoo beektan akka waan hin beeknetti seenaa faalleessu qafoof nama seenaa nama dhoksuu waamtanii waa gaafattaniis isuma wajjiinuu seenaa sana dhoksaa jirtu kanaaf yoo dandeessan akka namatti seenaa hojjadhaa ittiin faarfamaa yoo dadhabda immoo ofirraa dhiisaa seenaa namni tokko itti rakkatee ittiin jibbamee ummata isaatif dabarsee dhoksuuf seenaa hin jallisinaa hayyoottan keenya kan afaan oromootin akka barannu nutaasisaan ummanni keenya ni beeka eenyutti himuuf seenaa jajalliistaaniin gaafii kooti? seenaan abbaa qaba hojiin abbumaan bareeddi beekumsa nama nama tokkoo fuutanii nama biraa kan ofii keessanii jaalattanii kennuuf yaaluun seenaa jallisuu qofaa miti saba bal,aas daandii sirrii irraatti akka ofta,ee hin jiraanne gochuudha kanaafu warroonni akkasi maqaa keessan yaamuu hin barbaadu seenaa oromootaa jallisuu irraa of qusadhaa seenaa nama jallisuun safuudha rabbiif nama birattillee jibbamadha!.

Author: mohammed Abubekar

walaloo fi baacoo mammaksa ciigoo fi Aadaa oromootaa Afaan oromootin post gachuuf!!

Leave a comment